← Home
about

Haala Waliigala Kutaa Magaalaa Boolee

2026-11-29 12:28:19

Kutaan Magaalaa Boolee akka Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti sadarkaa guddina saffisa irra jiran keessaa raawwii bara 2018 tiin sadarkaa duraa irratti argama. Kutaan magaalichaa Baay’ina uumataa 201,192 abbaa warraa 56,386 fi Anaalee 4 qabatee kan caasseffamedha. Dhaabbilee tajaajila Hawaassummaa Manneen Amantaa 96, Afoosha 72, Manneen Barnootaa Mootummaa fi Dhuunfaa 133, Yuunivarsitii 1, Hospitaala Mootummaa 1, Hospitaala Dhuunfaa 4, Abbootii Qabeenyaa 335 fi Dhaabbilee Daldalaa 7,285 kan qabduudha.  Argama Kutaan Magaalaa Boolee kallattii Bahaan kutaa magaalaa Daabee, Kallattii Dhihaan fi kallattii Kabaan Aanaa Adaamatin fi kallattii kibbaan kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatin dangeffamtee argamti.  Bal’ina lafaa Kutaan Magaalaa Boolee waliigala bal’ina lafaa hektaara 6,899.4 fi Qonnaan Bulaa 1,412 lafa qonnaa 1,773.5 hek kan qabuu dha.  Haala Qilleensaa Kutaan Magaalaa Boolee qilleensa gammooja’aa kan qabdu yoo taatu waggoota shanaan darban hoo’insi giddu galeessan 22.40 0C yoo ta’uu roobni giddu galeessan 765mm ta’uu ragaan meetiroolojii biyoolessaa damee Adaamaa irraa argamee ni argisiisa.  Caaseffama Kutaa Magaalaa Boolee Caaseffamni Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Boolee akkuma kutaalee magaalaa biroo caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa, ammayyeessuu tajaajila magaalaa fi hirmaannaa uummataa mirkaneessuuf ijaarame qaba. Caasichi damee siyaasaa, bulchiinsaa, fi dhimmoota piromoshiniifi tajaajila hawaas-dinagdee of keessatti hammata. Kutaan Magaalaa Boolee Bara 2009 ji’a Caamsaa kan hundeeffamee yoo ta’u Gandoota 3 (Gooroo, Dhaddacha Araaraa fi Dhakaa Adii) fi seektaroota 9 (Waajjira Bulchiinsaa, Daldala, Waajjira Maallaqaa, Galii, Abbaa Taayitaa fi Konistiraakshinii, Lafa, Mana Qopheessaa, Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa, Bulchiinsaf Nageenya). Haa ta’u malee yeroon booda caasefamni gandaa gara aanota 4tti (Gooroo, Dhaddacha Araaraa, Dhakaa Adii fi Andoodee) kan guddate fi akkasumas seektaroonnis 9 irraa gara 17 kan dabalaniidha. Seektaroonni dabalamaniis Waajjira Milishaa, Qajeelcha Poolisii, Abbaa Alangaa, Mana Murtii, Fayyaa, Daandiifi Geejiba, Abbaa Taayitaaf To’annoo, Buusaa Gonofaa fi gurmaa’insa fa’a.